Categories Nan Baradha

Seenaa Abeebee Tufaa

Advertisements

Seenaa Abeebee Tufaa Munaa Warra Finfinnee

Abeebee Tufaa Araddoo Gosa Oromoo Tuulamaa keessaa kan warra Eekkaa ti. Bulchiinsi lafti isaan bulchaa turanis Tulluu Ererii asi hanga daangaa warra Manzee gara Ankoobarii achi. Garanaan Tufaa Munaa warra Salaalee fi warra Gullallee waliin akka wal daangeessanidha odeeffannoon akka jedhutti.

Hora Finfinnee

Horri Finfinnee horiin yoo dhugan ni furdisa ture. Kun hafeeti Xaayituu Buxul haati warraa Miniliik Miilli furdannaan qal’iseef……. Seenaan Abeebee Tufaa deebii qaba. Hora Finfinnee Oromoonni Ilmaan Tuulamaa horii obaafatan qabiyyee warra Eekkaa jala akka turedha. Deemsa keessas Tufaa Araddoo hora Finfinnee kanarratti ajajaa turaniiru. Namoonni hora kana obaafatan horii dhibbatti horii tokko gibira Tufaa Araddoof kaffalaa turan.

Tufaa Araddoo diinni karaa warra Manzee seenee lafa diriiraa Finfinneerraa kaasee hanga Dabre Siinaatti jiru akka hin fudhanneef waraanaa turaniiru. Karaa warra Manzee kan jiran warra Ankoobar warra Miniilik faati.

Akka obbo Tadilaa Odaa Tufaa Araddoo jedhanitti Tufaa Araddoo loltoota hedduu qabu waan turaniif hedduu sodaatamu. Miniliik gaafa mana hidhaa Atse Tewoodiroos Gondorirraa badee dhufe Tufaa Araddoo akka isa dhoksuuf jaarsummaa ergatee kadhachaa akka turedha.

Haaluma kanaanis gamnoomaan haa ta’u baqaan waliin isaa kan hin beekamne gaara Inxooxxorra qubachiifamaniiru. Yeroo sana lubbuu baafannaafidha.

Tufaa Munaa fi Tufaa Araddoo darbee darbee hora Finfinnee kanarratti wal lolaa akka turanidha. Basaastonni yeroo sana turan gidduu Tufaa Munaatii fi Tufaa Araddootti shaakkii uumaniiru dhimma qubannaa Miniliik irratti.

Innis Miniliik loltuu fi qawwee qabateeti na dhoksaa jedhee koolu galtummaa kan gaafate. Warra gidduu obboloota lamaanii (Tufaa Munaa fi Araddoo) deemani immoo Tufaa Munaatti akka Tufaa Araddoo Miniliikiif eeyyamee as dabarseetti itti himu. Tufaa Araddoottimmoo akka Tufaa Munaa dhaqee fideetti itti himu.

Wal shakku turan

Shakkii kanaan utuu jiranii Tufaa Munaa Farda waraanaa akka Miniliikiif kenneetti Tufaa Araddootti himama. Kanaaf atimmoo ilma kee tokko naaf ergii ani maseena mucaa hin qabu nan guddifadha jettee Xaayituu Buxul jaarsummaa ergatteetti Tufaa Araddootti. Innis aarii Tufaa Munaa ilmasaa Abeebee Tufaa kenneef.

Abeebee Tufaas dhaqee kiristinnaa ka’ee maatiisaas kiristinnaa akka kaasiseedha kan himamu. Akka Obbo Tadilaa Odaa Tufaa fi Obbo Zooduu Maammoo Abeebee Tufaa jedhanitti; Miniliik sodaa Tewoodiroos Gondorii dhufee na qabataa qabuun darbee gara Olonkomiitti dhokateera. Xaayituu Gaara inxooxxoorratti dhiisee.

Xaayituun miilla dhukkubsatti ture

Xaayituu lukni (miilli) ishee ni dhiita’a ture. Kanaaf bishaan ho’aa hora Finfinneetti yoo dhiqatte akka fayyitu itti himamnaan Abeebee Tufaa gara Tufaa Araddootti jaarsummaa ergameera bishaan hora Finfinnee eeyyamsiisu. Silaa abbaan ilma didaaree? Akka deemtee dhiqattu eeyyamameef.

Hubadhaa yeroo kanatti Miniliik Inxooxxoo hin jiru. Deddebitee yommuu dhiqattus miilli ishee fooyya’aa akka dhufedha. Ergaa Xaayituu isa lammaffaa gara Tufaa Araddootti karaa ilmasaa Abeebee Tufaa;

“Miillikoollee baay’ee naaf fooyya’eera xabala baay’ee eebbifamaadha. Garuu guyyaa guyyaan Inxooxxoorraa gara hora Finfinneetti marmaarsi naaf gamee hangan fayyutti bakkuman bulu adaraa gadi siqeen godoo buufadha!” Jettee eeyyama gaafatattee eeyyamameef.

‘Xaayituun eessa deemte?’

Gadi siqxee mooraa amma Yuunivarsiitiin irra jirurratti godoo buufattee deddeebitee dhiqachaa turte. Gaaf tokko Miniliik Olonkomii bakka dhokatee turee gara niitiisaa gaafa dhufu isheen bakka duraan qubachiifamanii dhiistee gadi buute isa eegde. “Xaayituun eessa deemte? Jedhee gaafannaan kuunnoo goda kanatti galte jedhanii godooshee itti agariisan.

Firummaa Tufaa Araddoo karaa ilmasaanii dabalaa baay’ee dabalaa dhufeen ammas bakkuma amma jiran kana akka turan jaarsummaa dhaqame. Sababni Xaayituu asuma turuu barbaaddef Inxooxxoo irratti Qorratu na rakkise, maaloo as naaf wayya xaballi keessanis na fayyiseera waan ta’eef nan tura jetteetudha.

Erga gaafa araqee dhugee fayyaa dhabe

Tufaa Araddoos eeyyameeraaf! Silas firoomanii hin gamnoomani mitiiree? Xaayituun gaafa tokko Tufaa Araddoof Araqee ergitiif! Erga gaafa Araqee dhugee Tufaa Araddoo fayyaa dhabee akka du’edha. Seenaan kan jedhu.

Warri Tufaa Munaa abbaan Hora Finfinnee akkasiin nyaataman!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

You May Also Like