Mammaaksa Oromoo

Advertisements

Mammaaksa Oromoo

Mammaaksi afoola Oromoo keessaa tokko yoo ta’u jechoota beekumsaa fi ogummaa qaban of keessaa qaba. Mammaaksi dubbii fiduu fi gabaabsanii fixuuf yookiin salphaatti namatti himuuf tajaajila.

Uummanni Oromoo mammaaksa isaatiin ragaa baha. Oromoon dubbii cimsanii fi gabaabsanii mi’eessuuniifi miidhagsuun fixuuf mammaaksatti fayyadama. Keessaahuu warri maanguddoo. Yeroo baay’ee manguddoonni araarsuufis ta’ee marii hawaas-dinagdee adda addaaf yoo walga’an yaada isaanii gadi fagessanii garuu utuu dubbii hin dheeressin ibsachuuf mammaaksatti fayyadamu.

Mammaaksi maaliif mammaakama?

Mammaaksi hawaasa Oromoo biratti waan hedduuf mammaakama. Fakkeenyaaf, qarutuma, tuffii, jaalala, hawwii, haqa, gootummaa, doqnummaa, jibbaa fi kan kana fakkaatan agarsiisuuf ni mammaakama. Ergaa mammaaksa tokkoo hubachuuf wantoonni adda addaa nama gargaaruu malu. Fakkeenyaaf, aadaa, seenaa, durdurii faa beekuu barbaachisaadha.

Mammaaksi beekumsaa fi muuxannoo maanguddootaati. Haasaan maanguddootaa yeroo baayyee mammaaksaan kan guutameedha. Kunis dubbii gabaabsanii himuuf, dubbii mi’eessuuf yookiin bareechuuf godhama. Kanaafis, sagantaa aadaa yookiin hawaasummaa bakka maanguddoonni itti baayyatan keessatti mammaaksi baay’inaan dubbatama.

“Ijaa fi saree ganda hin lagan.”

“Waan dhufu hin beekani, saree tana akaayii barsiisaa,” jedhe jaarsi.

“Kan soogiddi ittoo mi’eesse, barbareen maqaa itti fudhatte.

“Gama sanaa garbuun asheete,” jennaan, “Warra sodaanne malee yoom argaa dhabne,” jedhe jaldeessi!

“Arrabni ofii gaaddisa ooltee, abbaa aduu oolchiti.”

“Dhugaa Waaqa hin dhoksan, qullaa lafa hin dhoksan.”

“Ofiinuu duuti, maaliif of huuti?”

“Dullachi waan garaa qabu alba’a.”

“Madaa keenyatu bakka bade,” jedhe jaldeessi!

“Akka isaa beekaaf, bofa miila dhorke.”

“Yaa saree utuu waan sin jedhan beektee, waan siif kaa’an hin nyaattu.”

“Maqaan baduu mannaa, mataan baduu wayya,” jette gondaan ciniintee haftee.

“Gosaan walitti galaa,” jennaan erbeen loonitti galte.

“Cidha gannaa abbaatu ofiin dida. Du’a gannaa rabbiitu namaan dida.”

“Cilee ta’uuf gubannee, cilee taanees gubanne,” jedhe mukni!

“Nama hin qabu jechuuf si qaba; mana eegi jechuuf si’uu kan eeggatani!” Jette haati ilma ishee hattuun.

“Ni nyaanna jettanis ni nyaanna. Hin nyaannu jettanis ni nyaanna,” jedhe waraabessi.

“Akkan itti dhales, akkan arraabbadhus anatu beeka,” jette xaddeen.

“Bulu cooma,” jedhe jaldeessi mixii barbaachatti bofa dhagaa jalaa baasee.

“Korma dhugaan booratu, biyyeen ija hin buutu.”

“Bulbuluma bulbuli, hangan dhugu anuu beeka,” jedhe namtichi!

“Mana haadha kootiin dhaqa jettee, goraa bira hin darbin!”

“Harree hin qabnu, waraabessaanis wal hin dhabnu jedhan.”

“Silaa dhufa hin oolu, kajeelaa dura waami.”

“Kofoo namaa ergisanii, ‘irra hin taa’in’ hin jedhan.

“Na nyaattu na nyaadhu malee, bishaan ol hin yaa’u,” jette harreen waraabessaan.

Namni ulee baatee hin deemne, sareef sagadaa deema.

Roobiin galaana keessaa bahee, fixeensa arraaba.

”Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan,” jette adurreen.

“Namni gurraachi jiilche, gufuu gubataa baqata.”

”Situ diriiree of qochisiise,” jedhe gaarri, Lafa diriiraa gadi ilaalee.

“Garaa nagaya qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha.”

“Baga dhufte jennaan, kajeelaa garaan ciise.”

“Hunda qaluuf loontu dhuma; hundaa laachuuf foontu dhuma!”

“Inni humna qabu rukutee boo’icha nama dhorka!”

“Hiyyeessi liqaa hin qabne, dureessa caalti!”

“Ijaa fi saree ganda hin lagan.”

“Dullachi waan garaa qabu alba’a!”

“Nama hin qabu jechuuf si qaba; mana eegi jechuuf si’uu kan eeggatani jette,” haati ilma ishee hattuun!

2 comments

Niguse says:

Yadaa bareedadha kanuman itti fufa

Uzeefii Abdulkerim says:

Dhugaa dubbachuuf yeroo baayyee maxxansa kee nan dubbisa ati dhugaadhan oromoodha !!
Mammaaksa oromoo tokko hin beeku dhaloonni amma ana mataa koo irra eegale maxxansa dheera akkasi yeroon argadhe dubbisuu natti tola beekumsa guddan irra argadhe nuuf jabaadhu obboleessa koo qaallii!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

You May Also Like