Isparmii miiliyoona 50 keessaa akkamiin tokko qofti hanqaaquu bira gaha?
- Isparmiin akkamiin socho’a?
- Akkamiin of geejiba?
- Maalirraa hojjetame?
- Waa’ee seelii kanaa ammallee wanti beeknu waan muraasa qofa maaliif tahe?

Galmasaa bira ispeermiin gahu muraasa qofa, dhumarratti immoo tokko qofaatu hanqaaquu kana seenuu danda’a. Seeliin maayikirooskooppiin qofa mul’atuu fi imallisaas ammallee saayinsii hanga barbaadamu hin baramne. Isparmiin akkamiin socho’a? Akkamiin hanqaaquu argata? Akkamiin cabsee seena? Saaraa Maartiin da Siilvaan Yuunivarsiitii Dandii UK’tti baayolojii hormaaataa kan qorattu yoo tahu gaaffiiwwan kunneen gaafatti.
Isparmiin waliinsaa erga baramee waggaa 350 guutuus gaaffilee kunneen ammallee falmiif banaa tahaniitu jiru. jijjiirama guddaa fiduu danda’a,” jedha. Sirna hormaataa kana kan oofu jijjiirama tirataa dubartii yoo tahu- dhiirri jijjiirama kana bira gahuuf tattaafata jedha Iskoot Piitniik.
Seeliin isparmii yeroo umrii saalfattootti oomishamuu jalqabu, ujummoo bishaanii cidhaanii ”seeminifeeroos” jedhamu keessatti tolfama. ”Cidhaan keessatti iddoo isparmiin oomishamu yoo ilaalle, seelii geengoo taheetu jalqaba, sunis waan geengo kamiyyuu fakkaachuu danda’a.” jedha Waatkiins. ”Kanaan booda jijjiirama ajaa’ibaa keessa darbuun isparmii mataafi eegee qabu taha. Qaama keessatti seeliin kamiyyuu caasaa isaa haala addaa kanaan hin geeddaru.”
Isparmiin qaama dhiiraa keessatti guddatee bilchinarra gahuuf torbee sagal gaafata. Isparmiin qaama dhiiraa keessaa hin baane du’ee, qaamatti deebi’ee fudhatama. Garuu isparmiin carraa qabuun qaama keessaa bahee- adeemsa isaa jalqaba murteessutti beekama. Sirna hormaataa kana garuu kan jijjiirama tirannaa dubartiitu qajeelcha- dhiirri jijjiirama kana bira gahuuf tattaafata,” jedha.
”Qaamni wal-hormaataa dubartii haala ajaa’ibaa taheen waan akka malee geeddaramu yoo tahu, isparmiin takkaa qaama dubartii seenee maal akka hojjetu waan beekamu hin jiru. Sun addunyaa dhokataa guddaa tokko dha. Qaamni wal-hormaataa dubartii akkamiin sanyii haaraa uuma dhimmi jedhu ammallee hin hubatamiin jira,” jedha Iskoot
Isparmiin tisiisa kuduraa irra ooltuu, waan akka faayaati, akka eegee piikook jechuu dha. Waan miidhagaa bineeldotaafi bineensotarratti arginu isaaniif ”meeshaa waraanaati”
”Kunis diina ofirraa ittisuuf qofa osoo hin taane, waan saal-quunnamtii waliin wal-qabatu qaba. Dorgommii dhiirotaati, isparmiin tisiisaa dheeraa tahe ulaagaa faayaa jennu kanaaf fakkeenya gaarii dha. Qaamni hormaataa dubartii akkatti isparmii tokko isa kaanirraa filatu qaba.
Saal-quunnamtiin uumamuun dura akkatti filannoon taasifamu ni beekna jedha Iskoot. Gosa simbiraa saal-quunnamtii argachuuf agarsiisa shubbisaa dhiyeessu dabalata. Kanaaf dhimmi kuni sochii, halluufi foolii dabalataa? Odeeffannoo miiraa kana fayyadamuun murtoon saal-quunnamtiif gahaa tahuufi dhiisuun kennama.
Kana booda garuu maaltu tahaa isparmii irratti akkamiin dhiibbaa qabaata kan jedhu ammallee hin beekamu. Isparmii guutummaan guutuutti hubachuuf marsaa isaprmii guutuufi qaama dubartii guddina isparmii keessatti shoora guddaa qabu hubachuun murteessaa dha.
”Isparmiin cidhaan dhiiraa keessatti guddinasaa hin fixatu. Isparmiin qaama hormaataa dubartii gaafa seenu waan wal-xaxaafi murteessaa tahetu uumama. ”Kanaaf isparmiin qaama dhiiraa keessaa bahee yeroo qaama hormaata dubartii gahu maal taha kan jedhu qorachaa jirra jedha Iskoot.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gabaasa 2023tti baase agarsiisutti dhiirota addunyaa ja’a keessaa tokko wal-horuu hin danda’an. Rakkoon hormaata dhiiraa dhala dhabuu addunyaa irratti mudatuuf walakkaa ol kan gumaachu rakkoo hormaataa dhiiraati.
Faalama qilleensaa, tamboo aarsuu, alkoolii, nyaata madaalama dhabuu fa’itu dhala dhabuu kanaaf gumaacha jedhamus sababni bu’uuraa garuu ammallee hin baramne.
Saayintsitoonni akkatti isparmiin guutumaatti socho’u yoo barre dhala dhabuun dhiiraa maaliif mudata kan jedhus achumaan baruu dandeenya jedhu.
