Categories Oduu Haaraa

Badhaasni Artiist Andu’aalam Gosaaf Kenname Haqame

Advertisements

Faawundeshiniin Haacaaluu Hundeessaa Badhaasni Artiist Andu’aalam Gosaaf Kenname Haqame jechuun ibsuu beeksise.

Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa ”eeruu fi yaada uummata irraa argameen” badhaasni Artiist Andu’aalam Gosaaf kenname ”dogoggora” ta’uu ibse. Sirna badhaasichaa haquusaa ibsa miidiyaa hawaasaa irratti har’a Adoolessa 05, 2025 baaseen beeksise.

Faawundeshinichi ibsa isaa keessatti sirna badhaasaan dura dhimma Andu’aalam hordofaa kan ture himuun xalayaa ‘seera qabeessa’ qaama dhimmicha qoraturraa argateen badhaasicha kennuuf akka murteesse hime.

Haatahu malee, badhaasicha hordofee ”eeruu fi yaada uummata irraa argame irratti hundaa’uun ”murteen keenya dogoggora akka ture boordi faawundeshinichaan mirkanaa’eera,” jedhe.

Taatee Uumame

Artist Andu’aalam Gosaa kaadhimaansaa Qananii Addunyaa du’uu hordofee shakkamee ji’oota sadiif mana hidhaa erga ture. Booda abbaan alangaa himannaa waan irratti hin banneef wabiin baatii tokko dura mana hidhaatii gadhiifame.

Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa marsaa 4ffaa magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaay-Laayititti Waxabajjii 29, 2025 adeemsifame. Artist Andu’aalam Gosaan albama isaa Bilillee jedhuun karaa bakka bu’aasaa badhaafamee ture.

Haatahu malee, badhaafamuun artistii kanaa miidiyaa hawaasaa irratti jalqaba torbee kanarraa jalqabee falmii guddaa kaase.

Akkamitti Badhaafame?

Gareeleen ”hojiisaatu badhaafame” jechuun falman kan jiran yoo tahu, kaan ammoo nama ajjeechaa kaadhimaasaan shakkamee ture badhaasuu morman.

Boodarra ammoo miidiyaa hawaasaa modeelii Qananii Addunyaa ammallee hojjechaa jiru irratti suuraaleen fuula Qananii Addunyaa ”dirmammaa’eefi hidhiishee dhiige,” agarsiisu bahu jalqabe.

Guyyaa kaleessaa fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaafi dhaabonni mirga dubartootaa irratti hojjetan muraasni badhaasni Andu’aalam sa’aatii 24 keessatti akka haqamuuf duula gaggeessaa oolan.

Faawundeeshinichi Dogoggora Uumameef Dhiifama Gaafate

Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa ”dogoggora uumameef uummata keenya dhiifama gaafachaa badhaasni Andu’aalamiif kenname ture kan haqame ibsina,” jedhe.

Dabaluunis faawundeshinichi ”yeroo hunda miidhamtoota cina dhaabbachurraan kan hafe haala kamiinuu qaamolee mirga namaa sarban waliin akka hin dhaabbanne” himani. Fuulduratti seeraa fi haqa bu’uura godhachuun akka hojjetu himeera.

Walleewwan Afaan Oromoo ammayyaa dhiheessuun kan beekamu, Artist Andu’aalam Gosaa, baatii darbe ture wabiidhaan kan gadhiifame.

Haala Kamiin Bilisaan Gadhiifame?

Abukaatoon Artist Andu’aalam, Obbo Liiban Abdii, ji’oota darban sababa abbaan alangaa yeroo kennameefitti himata hin banneef ‘mirga wabiitiin‘ qarshii 50,000 kanfaluun gadhiifame jedhan.

Abbaan Qananii, Obbo Addunyaa Waaqoo hidhaatii haqa mucaa isaanii akka hin arganne BBCtti himanii turan.

”Bilaasha baatii sadii deemaa jirra. Dhiiga mucaa keenyaas hin argine, dhugaa mucaa keenyaas hin argine. Lammaffaadha ajjeesan kaleessa [yeroo Andu’aalam wabiin bahe],” jechuun miidiyaa’tti dubbatan. Artist Andu’aalam jalqabumaa shamarree Qananiin erga du’uun ishee ibsamee booda du’a ishee keessaa harka akka hin qabne waakkataa ture. Maatiin shamarree kanaammoo intalli keenya harka namaan malee ofirratti miidhaa dhaqqabsiifti jennee hin yaadnu jechuun dubbataa turan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

You May Also Like