Categories Bashannanaa

Ati Isa Kamiif Laatta?

Advertisements

Intalatu Dargaggeessa 2 Wal Faana Jaallatte

Lamaan isaaniiyyuu qalbii intalaa booji’an. Abbaashee bira dhaqxee akkas jette, “Yaa aabbookoo dhiirota lamatu nagaafate; lamaan isaaniiyyuu qalbii na hataniiru. Kanan dhiisee kanan jaalladhun wallaale maal naaf maltaa?” jetteen.

Jaarsi Mala Qopheeffate

Jaarsis mala ittiin nama intala isaa fuudhu adda baafatu qopheeffate. Dargaggoo lamaan sana manatti waamee, kutaa mana dhiphoo tokko keessa intala waliin ol galche. Kasala (cilee) jiidhaa abiddarra kaa’anii gar malee akkanni aaru godhan. Aarri sun mana sana guute. Aarri silaa karaa bahu hin qabu foddaan manichaa fi balballi manichaas cufaa waan tureef.

Obsee Manicha keessa ture

Yeroo kana gurbaan inni tokko aara manichaa dadhabee ka’ee gad bahe. Gurbaa inni tokko garuu intala jaarsaa waliin aara manichaa danda’ee, obsee manicha keessa ture. Amma soddaan baramuu hin oolle. Yoo kana utuu abbaa murtee taatee intala sana ati isa kamiif laatta?

Yeroo muraasa booda Jaarsi Eenyu akka intala isaa fuudhu adda baafate. Gurbaan aara manichaa dadhabee gadi bahe sun injifataa dorgommichaa ta’e. intala sanas akka fuudhu ta’e.

“Rakkina waliin firoomee jiraata”

Sababni isaa maal jedhamee abbaan intala yoo gaafatamu akkas jedhe; “Gurbaan inni kun rakkinaa fi dhiphina hin jaallatu, tattaaffatee rakkina sana keessaa baha. Inni hamma dhumaatti mucaa koo waliin manicha keessa ture garuu, rakkina keessaa bahuuf yaalii hin godhu. Obsee, danda’ee rakkinaa waliin firoomee umuriisaa guutuu jiraata.

Mucaa koos umuriishee guutuu rakkina keessa jiraachisaa hambisa. kanaafuu kun mucaakoo fuudhuu hin qabu” jedhe jedhama.

Tattaaffataa maaltu jibba?

Murteen jaarsaa sirrii moo sirrii miti? Isin akkamitti ilaaltan?

1 comment

Yohanis Kenesa says:

Murteen jaarsaa daran garaa Nan geenye,namtichi inni mana keesatti hafee jaalala isheef jedhe aara kessatti gubatee waan taheef

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

You May Also Like