Hirriiba keessa isparmii dhangalaasuu n mallattoo maseenuutii?
Dhiirri tokko rafaa utuu jiruu irriba keessa ta’ee yoo isparmii dhangalaase, ogeessonni haala akkasii kana abjuu ifa ta’edha jedhu.
Wanti kun yeroo isaan mudatu dhiironni baayyeen yaaddoo keessa galu. Sababiin isaas, wanti akka kanaa isaan mudatu kun mallattoo jalqabaa baayyinni isparmii hir’achaa dhufuuti yookiin mallattoo maseenuuti jedhanii yaadu.
Doktoroonni akka jedhanitti garuu, yeroo raftanitti isparmiin dhangala’uun mudannoo baratamaadha.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akka jedhutti, dhiirri tokko yeroo umurii dargaggummaa keessa galutti, sadarkaan hormooniin testestiroonii saalaa isaa ni guddata. Kun ta’uun immoo, yeroo hirriba keessa jiran ismparmii ofirratti dhangalaasuun akka dabaluuf ni gumaacha.
Saayinsiin waan kana maal jedha?
Qorannoon mata-dureewwan abjuuwwan ‘Saal-qunnamtii, abjuun jiidhuu fi halkan ofirratti dhangalaasuu’ kanneen jedhan kaasuun dhiirri halkan hirriba keessa ta’ee akka ofirratti dhangalaasuuf waan sababa ta’u qorateera.
Dhiirota qorannoo keessatti hirmaatan keessaa parsantaa 80 kan ta’an akka halkan ofirratti dhangalaasan kan sababa ta’uuf abjuudhaan saal-qunnamtii raawwachuu ta’uu qorannoon kun adda baaseera.
Namoonni umurii dargaggummaa keessa jiran kanneen mana barumsaa sadarkaa lamafaafi kollejjii keessa jiran akka waliigalaatti abjuudhaan saal-qunnamtii raawwachuu keessa galu jedhama.
Akka qorannoo kanaatti, waggaa tokko keessatti si’a abjuudhaan saal-qunnamtii raawwatu.

Qaamni dhiiraa tokko isparmii omishuun waan ta’uuma qabudha. Ofirratti dhangalaauu (ejaculation) bifa gara garaan saal-qunnamtii raawwachuun kan bahu ta’ullee, isparmiin nama keessatti omishame yeroo dhiirri rafus ni baha.
“Kun waanuma eegamuufi sirriidha,” jedha dhimma saal-qunnamtiifi fayyaa wal hormaataarratti ispeeshaalistii kan ta’e Dr. Joon Bhupaatii.
“Akkuma dubartiin daraaraa ji’aa (menstruatation) argitu, dhiirris ni dhangalaasa. Haata’u malee, waa’ee dandeettii dhiirummaa (male potency) waliin walqabsiisee odeeffannoo dogoggoratti nama geessanitu jiru,” jedha Dr. Joon Bhupaatii.
Dhiirri maseenuu danda’aa?
Akka gabaasa marsariitii US National Libarary of Medicine irratti maxxanfameetti, qorattoonni Tongjii Medikaal Kollejjii Chaayinaa keessa jirurraa ta’an isparmii haala gara garaatiin walbira qabuun ilaalaniiru. Kunis isparmii Sababa hin beekkamneen dhiironni dhangalaasan kan dhiironni fayyaaleyyii ta’an dhangalaasan waliin wal bira qabuun kan ilaalaniidha.
Haala kana keessatti, ismarmiin osoo hin beekiin yookiin to’annoo abbaatiin ala kan dhangala’u jiru. Dhiironni akkasii kun yeroo isparmiin dhangala’u yeroo gabaabaatiif haatauyyu malee baasuutti rakkootu isaan mudata.
Qorannoon akka agarsiisutti, haalli kun jiraachuun parsataa 72 masllattii maseenummaan dhiiraa jiraachuudha. Dhiironni yeroo dhangalaasanitti rakkoon to’annoo isaanii ala t’uu yookiin fedhiisaanii malee ta’uufi dhangalaasuuf rakkachuun jiraannaan mallattoo maseenummaa dhiiraa jiraachuu agarsiisuu mala.

Kun immoo abjuu keessatti qofa utuu hin taane, yeroo saal-qunnamtii raawwatanittis rakkoon dhangalaasuu yookiin haala fedhii fi to’annoosaanii ala ta’een dhangalaasuun jiraannaan mallattoo maseenummaa dhiiraati.
Meeshaawwan itti hafarsan addaa ((PVS fi EEJ) dhiirota 91 warra yeroo rafan isparmii dhangalaasan rakkoon isaan mudaturraa ismarmiin fudhatame qorannoon gaggeeffame.
Qorannoon kun akka agarsiisetti, dhiironni hirriiba keessa utuu jiranii utuu hin bariin dhangalaasan fayyaaleyyiidha. Warri immoo yeroo dhangalaasan rakkoon isaan mudatu garuu rakkoo fayyaa qabachuu akka malan agarsiisa.
Qorannoo kanaaf, yeroo rafan dhangalaasuun yoom akka uumamu kan hin beekamne warri ji’oota sadan darban hirriiba isaanii keessatti haalli kun mudate kondomii uffachuun halkan hunda saamuda sanyii dhiiraa akka kaa’an gorfamaniiru.
Qorannoon biraa marsariitii Kolleejjii Fayyaa Walhormaataa Ameerikaa Dubartootaa fi Dhiirota irratti maxxanfame, dhiirota warra qaamni saalaasaanii dhaabachuu rakkatan haadha warraa yookiin jaalallee isaanii ulfeessuu dadhaban isparmii isaanii yeroo isaan rafan fudhateera.
Qorannoon kun akka mul’isutti, qulqullinni isparmii halkan yeroo rafaa jiranii fudhatamee namarraa namatti addaa adda ta’us, qorannoo saayinsiif yeroo barbaadamutti mala elektiooniksiifi wallaansa baqaqsanii yaaluutiin fudhachuurra hanqaaquu dhalaa waliin qorannoof gargaaramuuf yeroo hirribaa kan dhangala’u kana fudhachuutu gorfama.
“Namni kamiyyu umurii waggaa 12 hanga umurii maanguddummaatti dhiirri yeroo rafu ofirratti ni dhangalaasa.
Dhiirri tokko yeroo rafutti ofirratti dhangalaasuun mallattoo maseenummaa dhiiraa ta’uu yookiin baayyinni ismarmii xiqqachuuf saayinsiin hin mirkaneessine.
Qaamni namaa yeroo isparmii dhangalaasu haaraa oomishuu itti fufa. Rafuun yookin isparmii ofirraa baasuun dandeettii hormaataa hin hir’isu.” jedha Dr. Kamaraajii.
Utuu raftanii isparmii maaliif ofirratti dhangalaaftu?
“Ejaculation, masturbation, or even sleep are some of the sources of a man ejaculating. Essentially, this indicates that the human body is in a normal, safe state,” says Kamaraj.
“Isparmiin dhiiraa oomishame ‘seminaal visiikil’ keessatti kuufama. Hangi isparmii oomishamuu namarraa namatti addaa adda ta’uu danda’a.
Akkuma barmeeliin yeroo bishaan guutamu irra ba’ee dhangala’uu, isparmiinis yeroo oomishamee bakka itti kuufamu guutu ni dhangala’a.” jedhe Joon Bhupaatii.
Kamaraajiinis yeroo raftanitti isparmii dhangalaasuun rakkoo qabdu jechuu miti jedha.
“Yeroo rafanitti maaltu akka isparmii ofirratti dhangalaasaniif sababa akka ta’u ilaalchisuun qorannoon baayyee taasifamullee, haalli akkasii kun ammallee guutummaatti hin hubatamne.
Yeroo dhiirri abjuun saal-qunnamtii raawwatu yookiin tasa sireerratti fedhiin isaa ka’utti mudata.
Kun ta’uun immoo dandeettii dhiirummaa akka hir’isu yookiin saal-qunnamtiirratti dandeettii qabu laafaa taasisuu danda’a kan jedhuuf ragaan hin jiru.”
