“Itti Haa Fayyadamnu”
Pirofeesarri tokko daree barnootaa isaatti barattootan akkas jedha. Isin amma qarshii 86,400 qabdu haa jennu. Namni tokko dhufee yoo qarshii 10 isin jalaa fudhatee fiigee sokke qarshii 86,390 dhiiftanitu qarshii kudhaniif namicha duukaa buutumoo? Qarshii keessan isa hafe qabattaniitu deemsa keessan itti fuftu? Jedhee barattoota isaa gaafata!
Achii barattoonni qarshii keenya isa hafe qabanneetu deemsa keenya itti fufna. Jedhanii deebisani!
Achii Piroofesarichi akkas jedheen, “Guyyaa keessatti namni hundinuu sekondii 86,400 wal qixa qaba. Namoonni sekondii 10f jecha gadhee namoonni isaanitti dubbataniin qabamanii sekondiiwwan hafan 86,390 gubu.
Kanaaf isin akkuma amma deebistan kana haalota kamiyyuu darbaatii isa hafe oolfadhaa!” jedheen.
Isa nu biratti hafetu caala. Itti haa fayyadamnu.

Heddu nama ajibaa seenaan kunii barnoota guddaadha heddu galatom