Oduu
Dhoohinsa Naannoo Affaar tti mudateen aarri mul’ate. Naannoo Affaar Ertaalletti dhohiinsa mudateen aarri lafa keeysaa ol hurkuun himame. Naannoo Affaar iddoo gaara fantaalleettti dhohiinsa guyyaa kaleessaa mudateen aarri guddaan mul’achaa jiraachuun himame.

Naannoo Affaar Iddoo hawwata Turizimii
Iddoo hawwata turizimii Ertaalle dhiyaatutti gaarreen irraa aaraa kan jiru aarri kun hanga ammaatti miidhaa tokkoos hin dhaqqabsiisine jedhamee jira.
Aarri mul’ataa jiru iddoo hawwata turizimiitti dhiyaatu ta’uu irraa kan ka’e adda baasuuf qorattoota garasitti erguus, Biiroon Turiizimii Naannoo Affaar ibseera.
