Magaalaa Moyyaalee kana fakkaattu dhabuu hin qabnu!

Aanan Moyyaalee aanolee naannoo Oromiyaa keessaa tokko yoo ta’u Godina Booranaa keessatti argama. Moyyaalen kibba Godina Booranaa keessatti kan argamu yoo ta’u karaa kibbaa Keeniyaadhaan, karaa dhihaa Dirreedhaan, karaa kaaba-lixaa Areerodhaan, karaa kaabaa Laga Daawwaa kan Liibanirraa, fi karaa bahaa Mootummaa Naannoo Sumaaletiin daangeffama. Magaalaa guddaan aanaa kanaa Moyyaalee dha.

Naannawa Moyyaalee giddu gala dinagdee Afriikaa bahaa gochuuf Itoophiyaa fi Keeniyaan waliin akka hojjetan waamichi taasifame.

Finfinnee Guraandhala 22/2011 Itoophiyaa fi Keeniyaan kan itti wal daangessan naannawa daangaa Moyyaaleetti giddu gala dingdee Afriikaa bahaa gochuuf waliin akka hojjetan muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahimad waamicha taasisanii kan turan ta’uun ni yaadatama.
Pirezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa gama isaaniitiin biyyoonni lamaan walitti hidhiinsa dinagdee cimaa uumuuf haala mijataa qaban muxuchanii akka itti fayyadaman dubbataniiru.
Hooggantoonni kana kan dubbatan walitti hidhiinsa dinagdee Itoophiyaa fi Keeniyaa cimsuuf Fooramii Finfinneetti adeemsifamaa ture irratti akka ta’e ibsamee ture.
